App'n kan haalla salphaafi namaatti tolun yeroo hojjenne isiniif dhiyeessinu baay'ee gammadna. App'n kana keessattis immoo wantii isiin argitaan hundii kitaaba wajjiin wal qixeedha.
Saayinsii akka qaama beekumsaa, adeemsoonnifi gochaaleen qaama beekumsichaa saayinsii gabbisuuf fayyaduutti hiikuun; dameewwan saayinsii uumamaa addaan baasuun hariiroo isaan gidduu jiru ni ibsita;
Dhiibbaa gaariifi badaa hojiirra olmaa saayinsiifi teeknoolojiin jireenya kee irratti, jireenya nama biroo irrattiifi naannoo irratti qabu ni ibsita;
Saayinsiifi teeknoolojiin addunyaa hubachuu keessatti gaheefi gumaacha qaban ni dinqisiifatta;
Fakkeenya saayintistoota beekamoo addunyaafi Itoophiyaa; saayinsiifi teeknoloojii keessatti gumaacha taasisaniifi waan isaan gumaachan ni ibsita;
Faayidaa duudhaaleen saayinsaawaa murtee kennuufi rakkoo hiikuu keessatti qaban ni ibsita;
Akkaataa saayinsiifi teeknoloojiin; amantaalee, barmaatilleefi akkaataa yaaduu nama tokkoo irratti dhiibbaa qaban ni ibsita;
Meeshaalee daawwanaa, safaraafi walqabsiisuuf fayyadan kanneen akka maayikirooskoppii, meeshaalee yaalii, daawwitiiwwanifi leensiiwwan goobaafi golbaa filachuun itti fayyadamta;
Yaaliiwwan dalaguufi meeshaalee yommuu itti fayyadamtu ofeeggannoo mana yaalii ofiifis ta’ee namoota birootiif xiyyeeffannaa nikennita;
Argannoowwan qorachuufi bu’aa argannoo ibsuu keessatti garee waliin waliigalteen nihojjatta;
Maddawwan garaagaraa fakkeenyaaf manneen kitaabaa, gaazexaawwan, namoota naannootti beekumsa qaban, muuxannoowwan naannoo, intarneetiifi kan kana fakkaatan fayyadamuun odeeffannoo walitti niqabatta;
Mana yaalii keessatti yommuu hojjattu balaawwan uumamuu danda’an adda baasuun adeemsota ofeeggannoo sirrii ta’an hojii irra ni oolchita.
This application is designed to help a number of people who want...
This application is designed to help a number of people who want...
Peace be upon you! This app has been collecting poems released by...
This app is designed and created for grade 6th students of Learning...
Hello guys, First of all, I would like to say thank you...
App'n kun walaloo tawaahidoo afaan oromoo ta'aan 150 ol kan of keessaa...
Created with AppPage.net
Similar Apps - visible in preview.